“YAA HABAABOO BIRRAA" walaaloo kabajamoo weellisaa "DR.ALI BIRRAA"
Baga nuuf dhalatte, Baga nuuf magartee. Yaa habaaboo birraa, Uurgooftu akka haxiraa, Laliftee,daraar tee, Qaanqee hayyumma taatee, Biiftuu barraaqaa fakkatte, Bahaan nuf ol baatee. Dirreedhaa hangaatee, Afran qalloo burqitee, Oromiyaa ibsitee. Alii keenya ati Jiraadhu hanga feete. Adawwi meeqantam Nu irraa cabsitee. Nu sheeneysa osoo Keenya tahuu baatte, Hundafu Birraa koo Baga keenya taate. Sagalee tee layyoo Rabbii si badhaase. Uumee siif arjoome Ulullee fakkessee. Sirba kee mi’aawa Namaayyu dhaadhesse, Birraa birraa ja’ee Namayyu si faarse. Dararri alagaa Yoom waa si dangeesse. Shirri nafxanyoota Daran si jabeesse. Muziqaan oromoo, Sumaani lalisee. Ali birraa keenya Gamna haati desse. Hojiin keetu maqaa Keenya mara boonse. Guy-tokko dadhabe Osoon ja’in kunoo Waggaa shantam gesse. Nuuf sihaa tursiisu, Umrii si dheeresse. Ani gama kootin Osoo hayyamamee Tootis sif dabarsee. Jechumaan sin ibsu, An barbaade dhabee. Aartii teenya siitu Mataa nuf ol qabee. Ergaa mimmi’ooytu, Siitu nuf lallabee. Galata kee galchuun Hedduudha nu dhibee. Dandeetti tee tana Namuu aja’ibee. Warri afaan keenya Dur dhageetti jibbe. Sababa keetini Caqasuu jalqabee. Yaa habaaboo birraa, Tan caamni shiraalleen, Goggooysuu dadhabe. Rabbii caaya odaa, Si gubbatti dhaabee. Utubaa sibilaa Godhee si utubee. Hedduu si jaalanna, Onnee dhugaa irraa. Ijji budaa hamtuun Sin arkin nu duraa. Jiraadhu qeensi illeen Osoon cabne sirraa. Akkuma maqaa keeti Lalisi yeroo mara Bakkayyuu hanga’i Akka habaabo birraa. Turi,turi,turi…! Ammalle nu turi Hanga dur turterra. Nuti sin dhaadanna, Yaa hayyuu hundarraa, Mahammad sabboona Doktor Ali Birraa.x2















